ONM-ABO Bitootessa 27, 2023
Murni uummata Oromoo saamuun dinagdee dhuunfaa namoota isaa gabbisaa fi hojii mootummaa ittiin tarkaanfachiisuu barbaadu bilxiginnaan hawaasa irraa maallaqa saamuu itti fufee jira.
Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti caasaan bulchiinsaa fi waraanaa abbootii qabeenyaan qarshii 50,000 hanga 100,000tti lakkoofsa dabtara baankii dhuunfaa irra galchiin bilbilaan doorsisu.
Kana malees hawaasa daldalaa fi jiraataa magaalichaan maqaa deggersa mootummaan xalayaa baasanii maallaqa kan funaanan yoo ta’u, kan miseensotni waraanaa daandii gubbaatti nama dhaabuun maallaqaa fi moobaayila nama irraa fuudhan daran jabaa ta’uu jiraattotni dubbatu.
Akka jiraattotni dubbatanitti sirnichi waraqaa galii ittiin funaannatan akka waajjiraatti qopheessuun maallaqa kan funaannatu yoo ta’u, waan gibiraa kafalluun alatti waggaatti marsaa 10 ol kafalaa waraana isaaniitti akka waraqaa eenyummaatti qarshii itti kafalaa daandii dabarra jechuun hadhaa jireenyaa bulchiisa bilxiginnaa kan dubbatan jiraattota magaalaa Dambii Doollooti.