• Sun. Jun 4th, 2023

Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo keessatti saamichi hawaasa Oromoo irratti raawwatu jabaate

Mar 27, 2023

ONM-ABO Bitootessa 27, 2023

Murni uummata Oromoo saamuun dinagdee dhuunfaa namoota isaa gabbisaa fi hojii mootummaa ittiin tarkaanfachiisuu barbaadu bilxiginnaan hawaasa irraa maallaqa saamuu itti fufee jira. 

Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti caasaan  bulchiinsaa fi waraanaa abbootii qabeenyaan qarshii 50,000 hanga 100,000tti lakkoofsa dabtara baankii dhuunfaa irra galchiin bilbilaan doorsisu. 

Kana malees hawaasa daldalaa fi jiraataa magaalichaan maqaa deggersa mootummaan xalayaa baasanii maallaqa kan funaanan yoo ta’u, kan miseensotni waraanaa daandii gubbaatti nama dhaabuun maallaqaa fi moobaayila nama irraa fuudhan daran jabaa ta’uu  jiraattotni dubbatu. 

Akka jiraattotni dubbatanitti sirnichi waraqaa galii ittiin funaannatan akka waajjiraatti qopheessuun  maallaqa kan funaannatu yoo ta’u, waan gibiraa kafalluun alatti waggaatti marsaa 10 ol kafalaa waraana isaaniitti akka waraqaa eenyummaatti qarshii itti kafalaa daandii dabarra jechuun hadhaa jireenyaa bulchiisa bilxiginnaa kan dubbatan jiraattota magaalaa Dambii Doollooti. 

Miseensi waraana bixiginnaa tokko godina lixa Wallaggaa magaalaa Najjoo keessaa waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuun barame. 

ONM-ABO Bitootessa 27, 2023 Murni bilxiginnaa impaayera Minilik itti fufsiisuuf ilmaan Oromoo hojii idilee isaanii irraa humnaa fi goyomsaan funaanamanii leenjii fudhachuun lola isaan hin ilaallanetti bobbaafaman sirnicha ganuun WBOtti harka kennachaa oolu.

Haaluma kanaan dheengadda Bitootessa 24, 2023 godina lixa Wallaggaa ona Najjoo magaalaa Najjoo keessaa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee Turkii tokko hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa keessaa baasuun WBOtti harka kennateera.

Dhumarrattis ilmaan Oromoo  mooraa diinaa keessa jiran qawwee isaanii qabachuun qabsoo bilisummaa Oromootti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply