• Mon. Sep 25th, 2023

Miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo keessatti waliitti dhukaasuun wal ajjeessan

Mar 28, 2023

ONM-ABO bitootessa 28, 2023

Mooraa waraana bilxiginnaa keessaatti dhiibbaan sanyuummaa fi arabsoon garaagaraa babal’aachuun, waraanni bilxiginnaa sabaan wal qoodee garee uummachuun waliitti dhukaasee lubbuu wal baasuu fi gariin ammoo mooraa sirnicha keessa miliquun meeshaa fi hidhaannoo isaanii walin gara waraana bilisummaa Oromootti harkaa kennachaa jiru.

Bitooteessaa 25, 2023 godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo naannoo hospitaalaa cinaatti miseensotni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa walitti dhukaasuun loltoonni lama ajjeeffamanii jiru.

Loltootni laman ajjeeffaman kun saban Oromoo yoo ta’aan, laman isaanii keessaa loltuu Chundee Takka dhalotaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo yoo ta’uu fi loltuu kan biroon baha Oromiyaa Harargee akka ta’e maddeen himaniru.

Sabaabni walitti bu’iinsa isaanii addaatti ifa ta’uu baatus, haalli mooricha keessaa jiru sodaachisa fi hanga gabaasnii kun qindaa’ettii  tasgaabbiin akka hin jirree odeessii keessoo isaaniiti ba’uu ni addeessa.

Leave a Reply