• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa mooraa waraana bilxiginnaa irraa loltootni 15 waan badaniif uummata goolaa turuun barame

Mar 28, 2023

ONM-ABO bitootessa 28, 2023

Mooraan murna faashistii waraana isaa humnaa fi goyomsaan ijaaree Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura akka dhaabbataniif bobbaasuus miseensotni isaa kallattii garaagaraan badanii WBOtti makamaa fi qawwee gurgurachuun badaa jiru.

Haala kanaanis dheengadda Bitootessa 26, 2023 godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa mooraa Tulluu Alii jedhamu irraa loltootni bilxiginnaa 15 baduun mooricha keessatti goolamiinsi uumamee jira.

Sababa waraanni faashistii kun meeshaa gurguratanii badaniif hawaasa naannichaan isintu haala mijeessaa jiraaf jechuun dararaa jiru.

Aanichuma ganda Biyyoo Wagiddii jedhamu keessatti kaleessa Bitootessa 27, 2023 dargaggoo maqaan isaa Ejersuu Dhaqqabaa jedhamu osoo inni bakka hojiitii galuu milishootni hamtuu harkaa fuuchuun ittiin fuula waraananii miidhaa irraan ga’an.

Kana malees ganda Biyyoo Wagiddii keessatti namoota karaa deeman barattoota Yuuniversitii irraa gara maatiitti galan karaatti qabanii ajjeesanii boollatti gataa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply