• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni faashistii konkolaataa hedduun daangaa Tigraay irraa gara Oromiyaatti ammas fe’amaa jiraachuun barame

Mar 28, 2023

ONM-ABO bitootessa 28, 2023

Murni bilxiginnaa erga TPLF waliin rakkoo isaan gidduu jiru karaa nagaa furuuf deemsa eegalanii waraana isaa kaaba impaayerattii daangaa Tigraay irraa marsaa marsaan kaasuun Oromiyaa keessa qubachiisuu itti fufee jira.

Waraana isaa baatii Sadaasa 2022 keessa Oromiyaatti fe’uun kibba, lixaa fi giddu galeessa qubsiisuu eegale itti fufuun dheengaddaa fi kaleessa Bitootessa 26 fi 27, 2022 konkolaataa waraanaa 100 oliin gara Oromiyaatti fe’amaa jiru.

Waraanni faashistii kun dheengadda magaalaa Kamisee kan qaxxaamuran yoo ta’u, guyyaa kaleessaa Finfinnee seenanii jiru.

Akka odeessi ba’e addeessutti loltootni kun gara lixa Oromiyaatti bobbaafamuuf akka jiran barameera.

Leave a Reply