• Mon. Sep 25th, 2023

Godina lixa Harargee aanaa Bordoddee keessatti kaabinoonni murna bilxiginnaa qamadii gargaarsaaf ergame gurgurachaa jiru

Mar 29, 2023

ONM-ABO Bitootessa 29, 2023

Yeroo itti qala’iinsa jireenyaa fi balaa hoongeetiin uummanni miidhamaa jirutti kaabinoonni bilxiginnaa qamadii gargaarsaaf ergame gurgurachuun dantaa dhuunfaa isaaniif olfachaa jiru.

Torban darbeerraa kaasuun qamadii gargaarsa uummataaf gara lixa Harargee aanaa Bordoddeetti fe’ame kaabinoonni aaniichaa abbootii qabeenyaatti gurgurachuun, uummanni midhaan nyaataa dhabuun rakkoo beelaa ulfaataa keessatti kufee Jira.

Mataan Nafxenyootaa Abiy Ahimad osoo uummanni impaayerattii balaa hoongee fi beelaan miidhaamaa jiruu qamadii alatti erginaa fi nuti qaama gargaaruudha malee gargaarsa hin barbaannu jechaa turuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply