• Mon. Sep 25th, 2023

Maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhu itti moggaasuun godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessaa barsiisota hedduu  miindaa dhorkachuun beekame

Mar 29, 2023

ONM-ABO Bitootessa 29, 2023

Murni qaamota hundaa siyaasa isaa keessa galfachuun teessumma isaa jabeeffachuu barbaadu bilxiginnaan siyaasa kiyya mormitu jechuun namoota ogummaa garaagaraa qaban irratti miidhaa adda addaa raawwachaa oola.

Qonnaan bultoota, daldaltoota, barsiisotaa, barattootaa fi hojjetoota mootummaa dirqamaan yaadaa fi akeeka kiyya fudhachuu qabdu jechuun ba’aa fi gala dhorkachuu itti fufuun, godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessaa bariisota onichaa maqaa waraaana bilisummaa Oromoo deggertuu jedhuun miindaa isaanii dhorkachuun rakkoof saaxilanii jiru

Akka kanaanis baatii Amajjii irraa eegalee barsiisota miindaa hin fudhatin jiran keessaa kan maqaa arganne barsiisaa Alamaayyoo Habtee, barsiisaa Geetaachoo Tolasaa, barsiisaa Margaa Tasammaa, barsiisaa Masaraat Ayyaanaa, barsiisaa Taammiiruu Gammadaa ,barsiistuuu Maarramee Ayyaanaa, barsiisaa Dabalaa Qanaatee, barsiisaa Haayiluu Habeetu fi barsiisaaa Lammii ta’uun barameera.

Leave a Reply