• Thu. Apr 25th, 2024

Ogeessotni Fayyaa Hospitaala Dambii Doolloo mormii Ajjeechaa mooraa hospitaalaa kutaa emergency keessatti miseensonni waraana bilxiginnaa raawwatan mormuun ganama dheengaddaaa hojii dhaabanii turan

Mar 29, 2023

ONM-ABO bitootessa 29, 2023

Waraanni faashistii PP bakka arganitti wal ajjeesuu aadaa godhataniin hospitaala Dambii Doolloo kutaa yaalii hatattamaa (emergency) keessatti dhufanii wal ajjeesuun dhukkubsattoota jeequun ogeessota fayyaa waan sodaachisaniif ogeessotni hospitaalichaa dheengadda Bitootessa 27, 2023 ganama irraa qabuun hanga sa’a 6:00tti hojii dhabuun mormii agarsiisaa turan.

Mormii ogeessotni kun taasisan kan rifachuun murni bilxiginnaa walga’iin hospitaalichatti argamuun kan taasisan yommuu ta’u waltajjii kana irratti itti gaaftamaan hospitaalichaa Dr Mitiku Abdisa namni jedhamu, aanga’oota bilxiginnaa itti gaafatamaa dhimma nageenyaa godinaa fi ajajaa poolisii magaalaa Dambidollo inispekter Tesfaayee nama jedhamu fudhachuun walga’ii sana irratti argamee ture.

Walga’icha irrattis hirmaattotni hoggansaa fi adeemsa bilxiginnaa mormuun Waraanni bilxiginnaa mooraa waldaa Makana Yesuus Dhanqaa keessa qubsiifamee jiru, hospitaala kana jeeqaa jira, yaalii dirqiin gudeeduu hojjetoota shamarran hospital kanaa irratti taasisaa jira, yaalii ajjeechaa hojjetoota hospital kanaa doctoroota dabalatee taasisaa waan jiruuf nu irraa haa ka’u jedhan.

Ittuma dabaluun waraanni kun naannoo hospital kanaa irraa haa kaafamu, yoo kana hin goone hojii nagaan hojjechuu hin dandeenyu jechuun yaada mormii dhiyeessanis deebii irra deebii deebisuufin qaawwaa hoggansaa, sirna dhablummaa waraanaa fi malaanmaltummaa mooricha keessatti raawwachaa jiruuf deebii waaraa osoo hin kennin waltajjii xumuruu maddeen magaalaa Dambii Doolloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading