• Sun. Jun 4th, 2023

Godina addaa naannawwaa  Finfinnee bulchiinsa magaalaa Sabbataa keessatti Waltajjii marii kaadiroonni Biltsiginnaa geggeessan Irratti yaadota ka’an jiraattonni mormuun dhagahame 

Mar 31, 2023

ONM-ABO Bitootessa 31, 2023

Mataan nafteenyootaa Abiy Ahmed afaaniin paarlaamaa irratti Araara sobaa labsaa, gama biraan ammoo kaabinoonni fi baasaastotni Isaa ololaa fi maqa balleessii Waraana bilisummaa Oromoo irratti akka oofaniif bobbaasaa Jira .

Kaleessa bitootessa 30, 2023 Godina Addaa Oromiyaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Sabbataa Keessatti, waltajjii marii kadiroonni biltsiginnaa Uummata waliin geggeessan Irratti uummanni yaadota Isaanii mormaa turan.

Mormii Uummanni sagalee isaa dhageessisuun waltajjii irratti dubbataa turan keessaa, waraanni bilisummaa Oromoo hattuu fi samtuu miti, obbolaa keenya, saamichaa fi gocha gara jabeenyaa Uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiru kabinootaa fi waraana shororkeessaa Abiy Ahmed jechuun kan morman yoo ta’u, dhuma irrattis murni bilxginnaa gaaffii waraanni bilisummaa Oromoo gaafachaa jiru haal-duree tokko malee deebisuu qaba jechuun gaafachuu isaanii hirmaattotni waltajjichaa Arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himaniriu.

Leave a Reply