• Mon. Sep 25th, 2023

Maqaa daandii ciracha Sibuu Siree fi Waamaa Agaloo gidduu hojjisiisna jechuun kaabinoonni bilxginnaa maallaqa Uummata irraa saamaa jiru 

Mar 31, 2023

ONM-ABO Bitootessa 31, 2023

Dacheen Oromiyaa dirree  saamtotaa fi hattootaa erga taatee kan bubbulte yoo ta’u, kaabinoonni murna bilxginnaa saamicha maallaqaa dabalatee gochaawwan adda addaa Uummata irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Yeroo Uummanni qaala’iinsa jireenyaan miidhamaa jirutti, daandiin Sibuu Siree fi Waamaa Agaloo gidduu suphina jechuun tooftaa ittiin Uummata irraa maallaqa saaman uummachuun saamicha geggeessaa jiru.

Kabinoonni aanaa Waamaa Agaloo maqaa suphiinsa daandii kanaatti qarshii 5000 hanga 10,000 manneen namootaa irra deemuu fi bakkeewwan garaagaraa keessatti bobba’uun humnaan Uummata homaa of harkaa hin qabne saamaa jiraachuu jiraattotni himan.

Akka jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himanitti maallaqni maqaa suphiinsa daandii aanaa Sibuu Siree fi Waamaa Agalootiif  oola jechuun Uummata irraa walitti qabame kanaan, hanga ammaatti waanti qabatamaan hojjatame akka hin jirre kan himan yoo ta’u, kaabinoonni bilxiginnaa maallaqa Uummata irraa saaman kana suphiinsa daandiif osoo hin oolchin dantaa dhuunfaa isaaniif olfachaa jiraachuu jiraattotni himan.

Leave a Reply