• Mon. Sep 25th, 2023

Oromiyaa bakkoota gara garaa keessatti hiriirri deggersaa dirqamaan waamamaa jira 

Mar 31, 2023

ONM-ABO Bitootessa 31, 2023

Hiriira deggersaa jechuun uummata afaan faajjiitti gatuuf golee Oromiyaa bakkoota gara garaatti dirqamaan waamaa kan jiran yoo ta’u muudama mootii impaayerattii Abiy Ahimed sababeeffachuun waamaa jiru.

Godiinaalee Oromiyaa kanneen akka Bunoo Beddellee, Lixa Shaggar, Kibba Lixa Shaggarii fi bakkoota hedduutti Ebla 1 fi 2, 2023 ganama irraan magaalaalee godinaa fi aanaatti argamuun hiriira kana irratti akka hirmaatan uummata akeekkachiisaa jiru. Akka dabballoonni bilxiginnaa jedhanitti namni hiriira kana irraa hafe diina keenya waan ta’eef, tajaajila kamuu nu biraa hin argatu jechuun shororkaa uumaa jiru.

Guyyaa kana sochiin tokko akkasumallee kenniinsi tajaajilaa tokko akka hin jirre himuun Uummata sodaachisuun akka ba’aniif, milishaa gandaa hanga sadarkaa gubbaatti hojjechaa jiru.

Hojjettoonni Waarshaalee dhuunfaa kan Impaayerattii naannoo magaalaa Sabbataa jiran guyyoota kanneen magaalaa Sabbataatti argamuun akka hirmaatan, kanneen Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa fi Mugar Warshaalee akka albuuda warshaa simmintoo mugeerii fi Dangootee akkasumas Meedirook ykn china irratti PLC’n  gurmaa’anii hojjetanii warra idileedhaan warshicha keessatti bobba’anii hojjetaa hundaan Bulchiinsa Magaalaa Ambootti argamtu jechuun Uummata Hiraarsaa jiru.

Namni waamicha hiriiraa kana irraa hafe, hojii idilee isaa irraa kan ari’amu ta’uu fi tajaajila kamuu qaama mootummaa irraa argachuu akka hin dandeenye ammumaan manneen Uummataa irra deemuun  akeekkachiisaa jiru jechuun maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply