• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti waraanni maafiyaa pp mana namoota lamaa gubuun beekame 

Mar 31, 2023

ONM-ABO Bitootessa 31, 2023

Murni yeroo gara aangootti dhufee kaasee olola sobaan Oromiyaa macheessaa ture bilxiginnaan, faallaa jecha isaa Uummata nagaa dachee fi qabeenyaa isaanii irratti ba’aa fi gala dhorkachuun manneen namoota nagaa gubsiisaa jira.


Haaluma kanaan murni faashistii Itoopiyaa maqaa sakkata’insa waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobba’uun aanaa Gidaamii ganda Giraayii Sonkaa bakka addaa Daadee jedhamu Mana namoota lamaa gubuun barameera.


Namoota manni Jalaa gubate keessaa kan maqaa arganne obbo Kamisaa Hundeessaa, Tafarii Mangashaa fi Dingataa Mangashaa Kan jedhaman ta’uun barameera.

Maqaa waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi ni nyaachistu jedhuun namootni manni Jalaa gubate Kun rakkoo hamtuuf saaxilamuu isaanii maddeen keenya ona Gidaamii Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply