• Mon. Sep 25th, 2023

Godina lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti waraannii bilxiginnaa ilmaan oromoo hidhuu  jan duriirra daran hammeessanii jiraachuun barame

Apr 1, 2023

ONM-ABO Ebla 1, 2023

Murni hidhaa akka furmaatatti qabatee jiru bilxiginnaan, jecha afaansaa qorannu malee hin hiinu jedhuu haalun gaaffii tokko malee baatilee sadiifi isaa oliif hojjettoota isaa shakkii irraa qabu fi dargaggoota oromoo hedduu hiraarsaa jiru.

Haaluma kanaan kaabinoonni fi waraanni bilxiginnaa godina lixa wallaggaa aanaa Jaarsoo magaalaa gabaa dafinoo namoota nagaa sobaan yakkuun maqaa hidhata waraana bilisummaa oromoo qabdu jechuun Barsiisota fi Hojjettoota mootummaa, dargaggoota barnoota irra jiran akkasuma Shamarran Oromoo hedduu baadiyyaa fi magaalaa irraa waraana goleessa Abiyii Ahimeditin qabamuun,erga ji’a sadiitii gaaffii tokko malee dararaa qaamaa fi qalbiin miidhamuun Maatii isaanii facaasuun,barattoota ammoo barnoota isaanii irraa addaan kutuun hammenyummaa dhala namaa irratti hin raawwatamne raawwachaa jiru.

Kanneen gaaffi tokko malee ergaa baatii 3f mana hidhichaa keessatti hiraarfamaa jiran keesssa muraasa kan maqaa arganne,
Obbo Ayana Margaa
Girma Irrandhufaa
B/s Asaffaa Qajeelaa
Gamula Irrandhufa 
B/S Abriham Koolu
Abdi Bultum 
Dawit Qajeelaa
Abbabe Qixxataa
B/S Tammiru kabbada
Aja’ibee Hambisaa
Daraartu Zalaalem
Darartu Badhaasaa
Zinnash Tammiru
kume Hambisaa fi Saaraa kodhosaa kanneen jedhaman yoo ta’u, kanneen maqaan isaanii nu hin qaqqaabiin jiran hedduu ta’u, jiraattonni aanaa jaarsoo Arraata biyyolessa oromiyaatti himani jiru.

Leave a Reply