ONM-ABO Ebila 3, 2023
Waraanni goolessaan Bilxiginnaa lola waggoottan shan keessatti waraana bilisummaa Oromoo waliin geggeessaa tureen, kisaaraa fi gaaga’ama irra ga’ee jelaa dandammachuu dadhabuun, maatii qabsaa’ota miseensa waraana bilisummaa Oromoo ta’anii Oromiyaa keessatti rakkisaa Jira.
Ebla 1, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Martii magaalaa Aboomsaa keessatti waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed dandeettii fi ga’umsa waraanaan Kan waraana bilisummaa Oromoo jela dhabbachuu dadhabe, maatii miseensa waraana bilisummaa Oromoo Kan ta’e maatii jaal Guutamaa Amaan Ahimad ilmaan keessantu waraana bilisummaa Oromooti jechuun hidhan.
Abbaa jaal Guutamaa Amaan Ahmed, aadde Nuuriyaa haadha manaa Isaa bakka hojii idilee ishee irraa Kan qaban yoo ta’u, Jibriil Amaanii fi Mubaarik Amaan obbolaa jaal Guutamaa obboleessa keessan, ilmaan keessan fidaa yoo fiduu diddan isin ajjeesnsa jechuun guyyaa gara guyyaatti mana hidhaatii gadi baasuun reebuu fi dararaa irratti raawwachaa jiru.
Maatiin jaal Guutamaa mana hidhaa keessatti argaman Kun dorsisnii fi dararaan ulfaataan waan irratti raawwatamaa jiruuf, lubbuu isaaniif yaaddoo keessa jiraachuu jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

