ONM-ABO Ebila 3, 2023
Daboo siyaasaaf jecha murni waraana biyyoota ollaa fi dirqiin namoota leenjisuun bobbaasu bilxiginnaan rakkoo uummataa furuu irra uummatatti ba’aa ta’uun ilmaan Oromoo sochii isaanii hordofuun dhiiga isaanii dhangalaasaa oola
Guyyaa gara guyyaatti murni bilxiginnaa waraana isaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti bobbaasuun lubbuu namoota nagaa balleessaa Jira. Bitootessa 31, 2023 godina wallagga bahaa aanaa Leeqaa Dullachaa bakka addaa maqa Baandiraa jedhamuun beekamutti dargaggoota maqaan isaanii Waasee Tasfaayee, Koorsaa Fiqaaduu fi Tasfaa Malkoo jedhaman badii tokko malee waraanni ilmaan Oromoof naasuu hin qabne rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatan.
Murni bilxginnaa caasaa isaa waraana bilisummaa Oromootiin jelaa diigame deebisee ijaaruuf goleewwaan Oromiyaa mara keessatti waraana isaa bobbaase, namoota nagaa maqaa waraana Bilisummaa Oromoo degertu jedhu itti maxxansuun hidhaa fi ajjeessaa sababa jiruuf, ilmaan Oromoo impaayerattii jelatti lubbuu namoota hedduu guyyaa guyyaan dhabuu fi qabeenyi isaas jelaa manca’uun uummata yaaddoo jireenyaa keessatti kufiiseera.

