• Mon. Sep 25th, 2023

Miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii godina Gujii lixaa fi Arsii bahaa keessatti mooraa sirnichaa ganuun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru

Apr 3, 2023

ONM-ABO Ebila 3, 2023

Mooraan Waraana bilxginnaa guyyaa gara guyyaatti diigamuu itti fufuun, waraanni sirnichaa sabaan Oromoo ta’an hedduun isaanii dhiibbaa fi hacuuccaa uummata Oromoo irratti gama murna bilxginnaan geggeeffamu balaaleffachuun mooraa sirnichaa keessaa miliquun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan miseensonni waraana rayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa kan godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa ganda Boorree qubsiifamanii jiran keessaa lama Qawwee Akm 2, rasaasa 600, hidhannoo lamaa fi boombii harkaa sadii mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godhanii jiru.  

Oduma walfakkaatuun godina Arsii Bahaa aanaa Martii mooraa waraana Aboomsaa irraa miseensi waraana raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee turkii tokko, hidhannoo guutuu, Rasaasa 150 fi Boombii harkaa tokko qabachuun mooraa qabsoo WBOtti dabalamee jira .

Miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera  itoophiyaa kun osoo hin beekinis ta’e, dogongoraanis gocha dabaa uummata Oromoo irratti raawwatanif uummata Oromoo bal’aa dhiifama gaafachuun, kana booda qabsoo saba keenyaa cina nii dhaabbanna jechuun waadaa galanii jiru. Dhuma irrattis ilmaan Oromoo ta’anii mooraa diinaa keessatti hafanii jiraniifis qawwee fi hidhannoo isaanii waliin gara waraana Bilisummaa Oromootti akka dabalaman dhaamsa dabarsanii jiru.

Leave a Reply