ONM-ABO Ebila 3, 2023
Galma amantii waaqeffannaa Malkaa Birraatee Mogoritti argamtu keessaa jimaata darbe jechuun Bitootessa 31, 2023 gaggeessaa wiirtuu amantii waaqeffannaa kan godina lixa shagar obbo Fayyisaa Lammaa fi gaggeessaa Konyaa Amantii Waaqeffannaa Bargaa obbo Caalaa Hayilee Wagii dabalatee gaggeessitootni galmaa 8 qaamolee mootummaa faashistii Itoophiyaatiin qabamuun gara warshaa daangooteetti geeffamanii kan hidhaman ta’uun himame.
Gaggeessitootnii fi barsiisonni galmaa balleessaa tokko malee Galma waaqeffannaa Malkaa birraatee keessaa qabamanii hidhamanii jiran keessa muraasni, Gadaa Baay’ee Guutamaa, Eebbaa Birhaanuu, Araarsaa Biqilee Aagaa, Ayyaanaa Asaffaa Simee fi Hundeessaa Kabbabaa yoo ta’an isaan Kun gaggeessitoota Fi koreelee hojimaata galma godinichaa kan sadarkaa oliirra jiranii fi Miseensi Galma Birraatee Gaddisaa Lammaa jedhamus isaanuma waliin hidhamee kan jiru yoo ta’u, walumaa galatti namootni 8 galmicha keessaa qabaman kunneen hanga gabaasni kun qindaa’etti hidhamanii jiraachuun isaaniis beekameera.
Itti dabaluunis hidhamuu miseensota galmaa dabalatee meeshaalee galmicha keessatti argaman Chaappaa Wiirtuu, kan Konyaa, Galmee garagaraa, Kompitaraafi meeshaaleen galmichaa hedduunis Murnoota PP’tiin waajjira amantichaa keessaa saamamanii jiru.









