ONM-ABO Ebila 3, 2023
Komishiniin haaromsa biyyaalessaa lola kaaba impaayerittii fi bakkoota biroo jiran waliin wal qabsiisuun deebisanii gadi dhaabuuf qarshii biliyoona 29.7 gargaarsa akka godhaniif dippiloomaatota teessoo isaanii Finfinnee taasifataniif waamicha dhiyeesseera.
Hirmaattotni kora sanaa akka jedhanitti komishinichi waggoota lamaan as aanan keessatti karoora hidhannoo hiikkachiisuun facaasuu fi gara jireenya nagaatti makuuf karoorfate dippiloomaatota waliin marii taasiseera jedhan. Marii sana irratti sanadni baasii karoorichaaf barbaachisu dhiyaatee irrattis mari’atameeras jedhameera.
Sagantaan haaromsaa kun naannoolee 7 of jalatti kan haammate yoo ta’u, Oromiyaa, Amaaraa, Affaar, Tigiraay, Benishaangul Gimuz, Uummattoota Kibbaa fi Gambeellaadha. Marsaa jalqabaatti naannolee 3 Tigiraay, Amaaraa fi Affaar irratti hojjetama kan jedhan yoo ta’u, sanadicha irraa hubachuun akka danda’ametti loltoota haaroman kana tokko tokkoon isaaniif qarshii 36,000 hanga 60,000tti akka kaffalanis addeessaniiru.
Komishinarri Haaromsa biyyaalessaa Obbo Tashoomee Toogaa fi qaamonni mootummaa biroo dippiloomaatotaaf ibsa kennaa kan turan yoo ta’u, gaaffii dippiloomaatota irraa “Haaromsichi WBO ni ilaallataa?” jedhu ka’eefis eyyee ni ilaallata jechuun deebisaniiru. Walii galtee araaraa kamuu WBO waliin otoo hin taasisin Waraanichi haaromsa kana keessatti ni hirmaataa jedhanii kaasuun akkamitti danda’ame jedhaniis kaasaa turaniiru .
Dhimma kana irratti ABO WBO’n ibsa baasuun dubbii Abiy Ahimad Paarlamaa biyyattii irratti dubbate kan marii araaraa ilaallatu miti jedheera. Yaalii kanaan dura taasifamaa ture jedhameefis yaaliin ture yaalii hooggansa WBO waliin qabatamaatti mari’achuu otoo hin taane yaalii koree hundeessanii waraana Bilisummaa Oromoo qeenxeen qunnamanii gansiisuudha jedhe. Yaaliin akkasii kun immoo yaalii araara dhugaa fiduuf godhamu miti jedheera.
