ONM-ABO Ebila 3, 2023
Rakkoo nageenyaa fi siyaasa impaayerattii mudatee jiruuf balbala nagaa banee Marii dhimmamtoota hundumaa hirmaachise geggeessuun furmaata waaraa fidu irraa murni bilxiginnaa, ilmaan Oromoo hidhuu, ajjeessuu fi saamuu akka furmaataatti fudhatee socho’aa Jira .
Bitootessa 31, 2023 jechuun jimaata darbe godina qellem wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem bakka addaa Afteer shooriitti dargaggoo shuulaa saddeetaa jedhamu waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun bulchinsa magaalaa qellemitti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himanitti lola torbee darbe gootichi waraana bilisummaa Oromoo tarkaanfii jabaa waraana bilxiginnaa irratti fudhachuun gagaa’ama Cimaa irratti geggeesseen booda bifa haaloo bahachuutiin ona Gidaamii keessatti namoota hedduu qabuun bulchiinsa magaalaa qellemii fi Gidaamii keessatti hidhanii daraaraa jiru.