• Mon. Sep 25th, 2023

Waraanni shororkeessaan PP lixa wallaggaa ona Laaloo Assaabiitti dargaggoo tokko ajjeessuu fi jiraattota irratti reebicha hammeessan

Apr 3, 2023

ONM-ABO Ebila 3, 2023

Waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed impaayera Itoophiyaa kufuuf qarqara irra jirtu kufaatii irraa baraaruuf lagaa fi daga qaxxaamuru hundumaa keessatti ilmaan Oromoo ajjeessaa deemuu fi dararaa jiru.

Bitootessala 30, 2023 lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii ganda Buukkoo Assaabiitti dargaggoo maqaan isaa Margaa Sanbatoo jedhamu waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun halkan irraa manaa qabuun iddoo laga gumaa jedhamutti ajjeessanii gatuu jiraattotni himan.

Akka jiraattotni ona Laaloo Assaabii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, dargaggoo Margaa Sanbatoo nama hawaasa Isaa keessatti naamusa qabuu fi jaallatamaa ta’uu himuun, badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakka tokko malee waraana gara laafina hin qabneen ajjeeffamuun hanga gabaasni Kun qindaa’etti reeffa isaa illee uummanni akka hin kaasee hin awwaalle  dhorkuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu biraatiin onuma Laaloo Assaabii ganda Saawwaa keessatti nama Abrahaam jedhamu dabalatee namoota hedduu reebuun miidhaa qaamaa irraan ga’uu jiraattotni dabaluun himan.



Leave a Reply