• Sun. Jun 4th, 2023

Godina Gujii lixaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa lama akkasumas, godina qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo miseensi waraana farra riphee lolaa tokko sirnicha ganuun gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan 

Apr 4, 2023

ONM-ABO Ebila 4, 2023

Waraanni impaayera Itoophiyaa sabaan Oromoo ta’an hacuccaa fi garbummaa gita hin qabne ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiru balaaleffachuun, mooraa sirnichaa keessaa miliquun meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin waraana bilisummaa Oromootti harka kennachaa Jiru.

Ebila 2, 2023 godina Gujii lixaa mooraa waraanaa aanaa Galaanaa irraa miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa lama qawwee AKM 2, hidhannoo fi rasaasa 360 mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godhanii jiru.

Ittuma fufuun Godina Qellem wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo irraa Miseensi farra riphee lolaa tokko qawwee akm tokko, hidhannoo tokkoo fi rasaasa 90 fudhachuun gara waraana bilisummaa Oromootti makamee Jira.

Miseensonni waraana bilxiginnaa mooraa sirnichaa ganuun keessaa ba’an Kun yeroo hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilaa turanitti gocha hammeenyaa osoo beekaanis ta’ee, osoo hin beekin uummata Oromoo irratti raawwataniif uummaata Oromoo bal’aa dhiifama gaafachuun l, kana booda lubbuu keenya osoo hin qusatin qabsoo saba keenyaa cina ni dhaabbanna jechuun waadaa galaniiru.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baachuun sirnicha tajaajilaa jiraniifis meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin gara waraana bilisummaa Oromootti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply