• Thu. Apr 25th, 2024

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee keessatti Namoonni hedduun waraana bilxiginnaan hidhamanii hiraarfamaa jiru 

Apr 4, 2023

ONM-ABO Ebila 4, 2023

Ilmaan Oromoo hidhuu akka ulaagaa bulchinsaa fi tooftaa waraanaatti Kan fayyadamu murni bilxiginnaa; qotee bulaa, hojjeetaa motummaa fi daldalaa osoo hin jedhin goleewwan Oromiyaa mara keessatti waraana Isaa bobbaasuun ilmaan Oromoo dararaa Jira.

Haaluma kanaan godina kibba lixa shagar aanaa Tolee gandoota hedduu keessaa namoota nagaa afurtamaa (40) ol ta’an badii malee hidhuun dararaa agarsiisaa jiru. Namoota hidhamanii jiran keessaa Kan maqaa arganne Birruu Gamzuu, Boorgaa Badhaasoo, Boorgaa Guddataa, Dajanee mootii, Urgeessaa kabbadaa, Milkeessaa kumaa, Zarihuun Caakkaa, Qaalessaa Geetuu Marsaa lammaffaa kan hidhame yoo ta’u, Caalaa Angaasaa Roobaa Caraanaa, Buzunaa Gammadaa, Obsee Biqilaa, Salamoon Baqqalaa, Geetuu Gazzany, Fatansaa Tasammaa, Tolasaa Asfaaw, Zarihuun Qaalessaa, Gazzuu Addunyaa, Nagoo Biraanuu, Birruu Gamzuu, Boorgaa Badhaasoo, Boorgaa Guddataa, Dajanee Mootii, Urgeessaa kabbadaa, Milkeessaa kumaa, Zarihuun Caakkaa, Qaalessaa Geetuu, Marsaa lammaffaa hidhame kan hidhame yoo ta’u, Caalaa Angaasaa, Roobaa Caraanaa, Buzunaa Gammadaa, Obsee Biqilaa fi Salamoon Baqqalaa dabalatee namoonni 40 ol hidhanii hiraarsaa jiru,

Gochi badii tokko malee ilmaan Oromoo hidhanii dararan kun waan jabaachaa deemeef uummanni Oromoo tokkummaa isaa cimsachuun sirna garboofataa abbaa Irree kana ofirraa buqqisuu qabna kan jedhan jiraattota aanaa Toleeti.



Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading