ONM-ABO Ebila 4, 2023
Murni fedhii aangoo malee jaalala uummataa hin qabne ilmaan Oromoo hidhaan hiraarsuu fi teessuma aangoo isaa tikfachuuf waraana naatoo uummataa hin qabne bobbaasuun lubbuu namoota nagaa hedduu guyyaa guyyaatti galaafachaa fi hidhaa jiraachuun ni beekama.
Godina baha shagar aanaa fantaallee keessatti waraanni sirnichaa gocha sanyii duguuggaa abbootii gadaa karayyuu dabalatee yeroo garaagaraatti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, maqaa siidaa abbootii gadaa ajjeefamaniif siidaa hojjechaa jirtuu fi WBO waliin hidhata qabduun namoota hedduu hidhanii jiru.
Namoota waajjira poolisii aanaa fantallee keessatti hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne muraasni
Roobaa Booruu
Bulgaa Fantaallee
Wadaayi Jomboraa
Muusaa Roobaa
Hawwaas Jiloo
Fantoo Roobaa
Abdallaa likkaa fi
Mammad Alii yoo ta’an walumaa galatti kutaa xiqqoo keessatti namoonni baay’inaan 72 ta’an hidhamanii hiraarfamaa akka jiran jiraataan ona fantaallee tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.


