• Sun. Jun 4th, 2023

Godina kibba baha Oromiyaa jiraattota aanaa jaajuu kabinoonni fi waraanni murna bilxiginnaa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqisaa jiraachuun barame

Apr 4, 2023

ONM-ABO Ebila 4, 2023

Fedhii fi dantaa Nafxeenyaa Amaaraa eeguun  daandii minilik durii hordofuun abjuu finxaaleeyyii Amaaraa galmaan ga’uuf jedhee uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuu, saamuu, ajjeessuu fi hidhuun gocha gara jabeenyaa raawwataa Jira.

Godina kibbaal baha Oromiyaa ona jajuutti jiraattota ganda baadiyyaa Achaammoo cufa jumlaan maqaa waraana bilisummaa Oromoo degertuu fi ni nyaachistu jedhuun, qe’ee fi qabeenya Isaanii irraa buqqisuun gara magaala birootti godaansisaa Jiru.

Waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed Kan gara laafina uummata Oromoof hin qabne guyyaa gara guyyaatti jiraattota Achaamoo kanatti deddebi’uun kana booda asitti isin arguu hin qabnu, yoo hin demtan ta’e isin ajjeesna jechuun Kan sodaachisaa jiran yoo ta’u, jiraattotni gandichaas oomishaalee garaagaraa ooyiruu irratti gatuun lubbuu isaaniif yaaddoo nageenyaa keessa galanii qe’ee fi qabeenyaa isaaniirraa baqachaa jiraachuu jiraattotni rakkoon Kun irra ga’e Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply