• Mon. Sep 25th, 2023

Godina lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee keessatti ilmaan Oromoo hidhuu fi hiraarsuun akkuma itti fufetti jira

Apr 5, 2023

ONM-ABO Ebila 5, 2023

Rakkoo nageenyaa fi siyaasa Impaayerattii mudachuun gaaga’ama lubbuu fi manca’iinsa qabeenya guddaa lammiilee impaayerattii irratti fide kanaaf marii dhimmaamtoota hundumaa hirmaachiseef balbala nagaa banee furmaata waaraa fiduu irra ilmaan Oromoo goleewwan Oromiyaa keessatti hidhuu fi hiraarsuu madda rakkoo ittiin furan godhatee socha’aa jira.

Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Nooleetti namoota hedduu qabuun badii tokko malee Oromummaa qofaan yakkuun mana hidhaa boolla  keessatti namoota hidhamanii daraaramaa jiran keessaa Alamaayyoo Shifarraa fi Tasfaayee kan jedhamu dabalatee namoonni hedduun mana boollaa kana keessatti dhoksaan hidhamanii hiraarfamni guddaan irra ga’aa jira. 

Kana malees miseensota poolisoota humna addaa fi hojjettoota isaa quuqama Oromummaa fi sabboonummaa qabu jedhee shakku cufayyuu mana hidhaa boollaa kanatti hidhee jiraachuu keessa bektoonni ni dubbatu.

Leave a Reply