ONM-ABO Ebila 5, 2023
Fedhii fi dantaa isaa qofa tikfachuu fi teessuma aangoo Abiy Ahmed qofa akka eeganiif ilmaan Oromoo dantaan gowwomsuu fi humnaan ukkaamsee gara dirree waraanaatti ergaa ture ammas dargaggoota qabee hidhuu fi gariin ammoo leenjiitti fe’aa jira.
Ebla 4, 2023 kaleessa ganama godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Ifa Biyyaa keessaa dargaggoo Tasfaayee Wakgaarii waraanni goleessaan Abiy Ahmed qabuun hanga gabaasni kun qindaa’etti eessa akka geeffame hin beekamin jira.
Oduu biraatiin onuma Jimmaa Raaree keessaa milishoota gaachana sirnaa leenjiisna jechuun namoota abbaa maatii ta’an 36 ol osoo maatii fi daa’imni isaanii duukkaa boo’anii qabuun gara magaalaa shaambuutti Ebla 4, 2023 fuudhanii deemaniiru.
Sababa kanaan namoonni hedduun manaa baqachuun bakkee bulaa akka jiranii fi gara magaalota birootti godaanuun baasii kan biraaf saaxilamaa jiraachuu jiraattotni rakkoon kun irra ga’aa jiru Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
