ONM-ABO Ebila 5, 2023
Waraanni sirna garboonfataa pp akka uummata Oromoo dararaniif leenjii fudhatanii bobbaa’an ilmaan Oromoo bakka argan hundatti hacuuccaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuun naannoo Oromiyaa keessa qofa osoo hin taane naannoo ollaa keessattis karaa hundaan hammeessanii jiraachuun lubbuu obbaasaa jiru.
Haaluma kanaan dheengadda jechuun Ebla 2, 2023 galgala aanaan Baambasii ollaa Oromiyaa kan taate waraanni garboonfataan pp namoota lama ajjeessuun tokko madeessuu gabaasnee turuun keenya ni yaadatama, guyyuma kana galgala nama tokko ajjeessuun lama madeessanii jiraachuun walumaa galatti galgala tokkotti namoota sadii ajjeesuun, Sadii Madeessanii jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota maqaa isaanii yeroo darbe hin argatin turre kanneen madaa’anii jiran Isiraa’el Bantii fi Birruu Beekumaa mana yaalaa Hospitaala Asoosaatti yaalamaa kan jiran yoo ta’u, kan battaluma lubbuun darbe ammoo Iyyaasuu Tottoobaa kan jedhamuu fi kanneen dheengadda gaabasnee turre waliin galgala tokkotti namoota sadii lubbuu obbaasuun sadii ammoo madoo cimaa irraan ga’uun yaala olaanaaf Hospitaala Asoosaatti darbuun du’aaf jireenya gidduu jiru.



