ONM-ABO Ebila 5, 2023
Waraanni naamusaa fi bilchina siyaasaa hin qabne waraanni Abiy Ahmed aadaa fi safuu uummata Oromoo cabsuun bakkeewwan bobba’u hundumaatti shammarran Oromoo fi haadholii Oromoo humnaan gudeeduun sarbiinsa mirga namoomaa raawwataa jira.
Kaleessa Ebla 4, 2023 godina qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Giraayii Biishaatti waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed shammarree aadaa fi safuu uummatichaaf maqaa waamuu hin barbaanne yaalii humnaan gudeeddii irratti raawwatamuuf ture danquun iyyitee uummannis ishee dhaga’uun meeshaa mana keessaa itti fayyadamu fudhatee itti birmachuun yaaliin gudeeddii shammarree kana irra ga’uf ture fashalaa’ee jira.
Erga yaalii gudeeddii jiraattotni gandichaa birmannaa godhaniin fashalaa’ee booda waraana murna bilxginnaa yaalii gudeeddii raawwachuuf ture itti marsee qabuun saaxilee jira.
Oduu biraatiin godina qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo gandoota baadiyyaa kanneen akka Warra Baabboo, Koyyaan, Tiillee, Malkaa Nagaa keessatti waraanni murna bilxginnaa bobba’uun maqaa degersa midhaan nyaataa fi gibiraatiin saamicha maallaqaa fi midhaanii manneen uummataa irra deemuun saamicha geggeessaa jiraachuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.