SQ-Ebla 6, 2023
Fedhii hordooftoota mana amantaa Ortodoksii Oromiyaatin dhihoo kana Sinodosiin Oromiyaa fi sabaaf sablammootaa hundeeffamun,paapasoota 25 muudun kan yaadatamudha. Kanaan wal qabatee ilmaan Nafxaanya amantii Ortodoksii qabachuun Oromoof Oromiyaatti roorrisaa turan jeequmsa adda adda kaasa turun niyaadatama.
Haala kanaan Paapasoonni kutaa lallabaa Wallaggaa Lixaa fi Wallaggaa Bahaatti ramadamaniis bakka itti ramadamaan deemun uummanni simannaa ho’aa godheefi ture.
Kanumaan walqabatee paapasoonni Wallaggaa Lixaa fi Wallaggaa Bahaatti ramadaman Abbaa Garbi’eelii fi Abbaa Barumsaa kan jedhaman guyyaa kaleessa Ebla 5,2023 bakka itti ramadaman Magaalaa Naqamtee fi Gimbii irra poolisii humna addaa Oromiyaattin qabamun gara Finfinneetti geefamun Magaalaa Buraayyuu waajjira poolisii aanaa 1ffaatti hidhamanii jiraachuu maddeen SQtti himaniiru.
Abboonni hidhaman kunneen badii raawwatan kan hin qabne yoo ta’u afaan Uummanni beekun uummata isaanii tajaajiluuf bakka ramadamaniitti hojii irraa osoo jiranii qabamu odeessi arganne ifa godha.
Mootummaan naannoo Oromiyaa humnoota Nafxaanya sodaachuun roorroo abbooti amantii Ortodoksii Oromiyaa irratti raawwachaa jiru akka dhaabuus hordoftooti amantiichaa gaafachuuti argamu.



