ONM-ABO Ebila 7, 2023
Abjuu fi kaayyoo minilik durii galmaan ga’uuf murni bilxiginnaa caasaa isaa bifa garaagaraan Oromiyaa keessatti bakka ilmaan Oromoo itti hedduumaatan manneen barnootaa, hooteelootaa fi bakkeewwan hojii birootti ijaaree bobbaasuun ajjeechaa sukkanneessaa fi gocha gara jabinaa rawwaachisaa Jira.
Warreen jiraachuu fi guddachuu uummata Oromoo balaaleffatan dheengadda Ebila 5, 2023 guyyaa toora sa’a 10:00 akka lakkoofsa impaayerattiitti godina addaa Naannawwaa finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu mana barumsaa Jamoo keessatti dhalootni sabaan Amaara ta’an barsiisota sabaan Oromoo ta’an barsiisaa maqaan isaa Nanneessaa Bashaadaa jedhamu cuupheen handhuura irra waraanuun yeroodhuma Sana lubbuun yoo darbu, sirni awwaalcha isaa Ebila 6, 2023 bakka dhaloota isaa godina kibba lixa shagar aanaa Bachoo ganda Tajiitti, bakka maatiin isaa fi firoonni isaa argamanitti haala hoo’aan geggeeffamee jira.
Barsiisota maqaan Isaanii nu hin qaqqabin lama ammoo maddeessuun gara hospitaala olaanaatti yaalamaa jiraachuu fi haalli fayyummaa Isaanii ulfaataa ta’uutu himama.
Akka jiraattotni jedhanitti ajjeechaan barsiisoota kana irratti raawwatame aggaammii duula Oromoo balleessuuf xiyyeeffatamee qophaa’ee as ba’eedha jechuun balaaleffachuun, fedhii fi hawwii Abbaa Isaanii minilik galmaan ga’uuf duula qindaa’aa uummata Oromoo balleessuuf qophaa’ee jiru kana fashaleessuun tokkummaan uummata Oromoo murteessaadha Kan jedhan jiraattota magaalaa Buraayyuuti.