ONM-ABO Ebila 7, 2023
Maqaa olaantummaa seeraa kabachiisnaa fi sakatta’insa waraana Bilisummaa Oromoo geggeessinaatiin goleewwan Oromiyaa mara keessatti waraana isaa bobbaasuun murni bilxginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhuu itti fufee jira.
Ebila 5, 2023 godina baha Harargee aanaa Haromayyaa araddaa baccaqee keessatti dargaggoota ilaalcha siyaasaa kamiyyuu hin qabne hidhuun gidirsaa jiru.
Dargaggoota badii tokko malee hidhuun waajjira poolisii aanaa Haromayyaa keessatti hidhamanii dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne Roobaa Abdii, Famii Alii fi maanguddoo maqaan isaa nu hin qaqqabne tokko dabalatee namoonni hedduun hidhamanii gidirfamaa jiru.
Kana malees baatii tokko dura ona Haromaayaa naannoo baccaqeetti lola gooticha waraana Bilisummaa Oromoo fi waraana Impaayerattii gidduutti Gurraandhala 27, 2023 geggeeffameen waraana sirnichaa irra gaagaa’amni guddaan erga irra ga’ee booda bifa haaloo bahachuutiin namoota nagaa qabanii hidhuun hanga guyyaa har’aatti mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu maddeen ona Haromaayyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

