ONM-ABO Ebila 7, 2023
Waraanni bilxginnaa guyyaa gara guyyaatti diigamuun miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii meeshaa fi hidhannoo fudhatanii miliquun mooraa sirnichaa ganuun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufan.
Bitootessa 5, 2023 godina baha Wallaggaa mooraa waraana bulchiinsa magaalaa Naqamtee irraa miseensi waraana raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee turkii tokko, hidhannoo tokko, rasaasa 360 fi boombii harkaa sadii mooraa qabsoo waraana Bilisummaa Oromootiif galii godhanii jiru.
Oduu wal fakkaatuun Ebila 6, 2023 godina baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu irraa Miseensonni waraana bilxginnaa lama qawwee AKM 2, hidhaannoo 2 fi rasaasa 674 waliin gara mooraa waraana Bilisummaa Oromootti dabalamanii jiru.
Miseensonni waraana raayyaa ittisaal impaayerattii kun yeroo hojii looltummaatiin sirnicha tajaajilaa turanitti gocha hameenyaa Oromoo irraan gahaa turaniif uummata Oromoo bal’aa dhifama gaafatanii jiru.
Dhuma irrattis ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baachuun sirnicha tajaajilaa jiran, qawwee fi hidhannoo isaanii fudhatanii mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoof gara gooticha waraana Bilisummaa Oromootti akka makamaniif dhaamsa dabarsaniiru.