ONM-ABO Ebila 7, 2023
Qondaalli Ginbot_7 duraanii Andaargaachoo Tsiggee, Paartiin bilxiginnaa raod map nuti baasnee itti kennineen biyya bulchaa jira jechuun afaan isaatiin dhugaa ba’ee ture. Hordoftoonni seenaa abboota impaayera itoophiyaavfi leellistoonni sirna Nafxanyaa tarsiimoo biyya 1, amantii 1, alaabaa 1, afaan 1 jedhu hordofuun saboota cunqurfamoo miidhaa as ga’aniiru.
Mana amantaa Ortodoksii akka bakka tarsiimoo lolaatti kan itti fayyadaman, gareen sanyii balfituu Amaaraa, impaayera Itoophiyaa keessatti Amaara irraa kan hafe, mana amantaa Ortodoksii keessatti saboonni biroo seenanii tajaajiluu akka hin dandeenyee fi afaan Amaaraa irraa kan hafe afaan biraan mana amantii kana keessatti akka ittiin hin tajaajilamne gochaas turaniiru.
Kanuma hordofuun Oromoo fi saboonni cunqurfamoon walitti dhufuun Sinoodosii Oromiyaa hundeeffachuun kutaalee lallabaa gara garaatti abboota amantii ramaduun hojiin tajaajila Amantichaa afaan sabichi dhaga’uun akka gaggeeffamus taasifamee turuun yaadannoo yeroo dhiyooti.
Qaamni mootummaa waan isa hin galchine gidduu seenuun bifa Jaarsummaan waan xumuru fakkeessee gidduu seenuun, dubbichi yeroof akka qabbanaa’u taasisus, abboota amantaa Sinodosii Oromiyaa ijaaran bilbilaa fi qaamaan wal ga’ii waamuun doorsisuun, hojii isaanii akka itti hin fufne taasisaa turaniiru.
Bifuma kanaan Abbootii amantaa Kutaa Lallabaa Godinaalee Wallagga Lixaa Fi Wallagga Bahaatti tajaajilaaf ramadamuun tajaajilarra turan butuun gara magaalaa Buraayyuu geessuun hidhanii kan turan yoo ta’u, Ebla 6, 2023 gadhiifamuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Abbootiin kunneenis Angafa Phaaphaasii Kutaa lallabaa Godina Wallagga bahaa kan ta’an Abbaa Barsumaa yoo ta’an, Phaaphaasii Godina Wallagga lixaa kan Gimbii Abbaa Gabri’eel Kan jedhaman ta’uunis beekamee jira.
