• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Gujii lixaa aanaa Girjaa keessatti balaa  beelaatiin namoonni 53 ol lubbuun darbuun bekame 

Apr 8, 2023

ONM-ABO Ebila 8, 2023

Kibba Oromiyaa godina Gujii bahaa keessatti roobni dhabamuun balaa hoongeetii fi beelaatiin lubbuun namoota hedduu darbee,loon dhumte, haati deessee daa’ima ishee waan hoosistu dhabuun,lubbuun namaa fi horii sababa hoongee kanaan beelaan Kan dhuman hedduudha.

Yeroo itti uummanni impayeerattii balaa hoongeetii fi beelaan daraaramaa jirutti, mataan naftenyootaa Abiy Ahmed akka waan rakkoon midhaan nyaataa uummata impaayerattii miidhee hin jirreetti dubbachuun, osoo uummanni beelaan dhumaa jiruu qamadii alatti erginaa fi nuti   qaama gargaarsa barbaadu osoo hin in taane, ofirraa hafnee kan biraa gargaarra jechuun addunyaa sobuuf yaalaa tureera.

hoongee fi beela uummata kibba Oromiyaa godina Gujii bahaa aanaa Girjaa mudatee jiruun, namsa fi horii irratti miidhaan Kan dhaqabe yoo ta’u, hanga ammaatti lubbuun namoota 53 olii darbuu fi loon hedduun dhumuu odeessi naannicha irraa arganne ni addeessa.



Leave a Reply