• Mon. Sep 25th, 2023

Godina baha Wallaggaa ona Gudayyaa Biilaatti waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuu itti fufan 

Apr 8, 2023

ONM-ABO Ebila 8, 2023

Rakkoo nageenyaa fi siyaasa impaayerattii mudatee jiru furuuf marii dhimmattoota cufa hirmaachise geggeessuun balbala nagaa banee furmaata waaraa fiduu irra ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhuu jabeessee itti fufe.

Dheengadda Ebila 6, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Caalii jimaatti namoota nagaa jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan B/s Takkee Alamaayyoo, B/S Dassaaleny Abaluu, Dassee Jabeessaa, Nagaroo Gaaromsaa, shuubaa Tasfaayee, Daamxoo Gammadaa kanneen jedhaman yakka tokko malee Oromummaa qofaan yakkuun harka isaanii duubatti cabsanii hidhuun reebichaa fi dararaa erga irratti raawwatanii booda mana hidhaatti darbatan.

Akka jiraattotni jedhanitti jalqaba baatii muddee gootichi waraana bilisummaa Oromoo aanaa Gudayyaa Biilaa erga to’atee tureen booda waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuu fi dararuu dabalatee gocha gara jabeenyaa nurratti raawwataa Jira Kan jedhan jiraattota aanaa Gudayyaa Biilaati.

Leave a Reply