• Sun. May 28th, 2023

Poolisootni humna addaa naannoo Beenishaangul Gumuz adeemsa diigamuu poolisoota humna addaa naannoolee mormuun 80 ol kan ta’an hidhannoo guutuu waliin miliquun dhaga’ame

Apr 8, 2023

ONM-ABO Ebila 8, 2023

Caasaa bulchiinsa naannoolee diiguuf, poolisoota humna addaa naannoolee hidhannoo hiikkachiisuuf waajjirri koominikeeshinii murna bilxginnaa ibsa baasee ture, naannoolee tokko tokko keessatti adeemsa humnoota naannoolee hidhannoo hiikkachiisuu jedhu kanaaf  mormii guddaan murna bilxginnaa mudachaa jira.

Kaleessa Ebla 6, 2023 humni addaa naannoo Benishaangul-Gumuz magaalaa Baambasii keessaa baay’inaan 80 ol ta’an hidhannoo guutuudhaan badaniiru.

Kana malees Naannoolee biroo fi Amaaraa dabalatee murna bilxginnaa fi humnoota naannoolee gidduutti mormii guddaan uumamuun sodaan nageenyaa akka jiru maddeen ibsan.

Leave a Reply