• Mon. Sep 25th, 2023

Uummata Oromoo baha Oromiyaa aanaa cinaaksan irratti lolli poolisoota somaaleetiin gaggeeffamaa ture bifa haaraan itti fufe

Apr 8, 2023

ONM-ABO Ebila 8, 2023

Uummatni Oromoo Baha Oromiyaa naannoo daangaa somaalee jiraatan lola poolisoota somaaleetiin irratti raawwatamaa tureen du’aa, buqqa’aa fi saamamaa kan turanii fi jiran hoggaa ta’u, addattuu bara 2018 irraa eegalee lola walitti fufaa hidhattoota naannoo somaaleetiin irratti raawwatamaa jiruun haala guddoo nama gaddisiisu keessa kan jiran ta’uun beekamaadha.

Haaluma kanaanis lolli ji’oota muraasa dura poolisoota humna addaa somaaleetiin uummata Oromoo aanaa cinaaksan irratti gaggeeffamaa ture, marroo lammataa kan eegale yoo ta’u lola kanaanis uummatni hedduun madaa’uun gariin ammoo yoo ajjeefaman, warri lolicharraa hafan ammoo qe’eef qabeenya isaanii irraa buqqa’uun gara ganda Adaamii jedhamtuutti baqachaa kan jiran  ta’uu maddeen addeessaniiru.

Walumaa galatti lolli hidhattoonni naannoolee garaa garaa daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun uummata Oromoo naannoo daangaa jiraatan irratti taasisaa jiran shira qinda’aa sirni faashistii Itoophiyaa uummata Oromoo dinagdeef hawwaasummaan dadhabsiisee qabsoo sabichaa gufachiisuuf gochaa jiru ta’uu lola Oromiyaa guutuu irratti labsamee gaggeeffamaa jiruun mirkaneeffachuun kan dandaa’amuudha.

Leave a Reply