ONM-ABO Ebila 8, 2023
Murni uummata Oromoo maqaa ilaalchaa fi dhaaba siyaasaan yakkuun namoota nagaa irraan miidhaa ga’u bilxiginnaan har’as waraana isaa itti bobbaasee hawaasa Oromoo gooluu itti fufe.
Hojii farrummaa hawaasa Oromoo irratti hojjechuu aadaa kan godhate murni bilxiginnaa kaleessa Ebila 7, 2023 baha Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawwaa ganda 09tti uummata nagaa hojii isaaniif bobba’an reebaa turan.
Gandichatti waraana bobbaasuun sa’a 10:00 irraa eegalanii hanga ganama har’aatti namoota daandii gubbaa deeman reebaa fi konkolaachiistoota baajajii irraa eyyama guuruun isin ergamtoota WBO ti jechuun uleen gadi buusanii reebaa turan.
Sababa kanaanis hawaasni gandicha keessa olii fi gadi deemuuf sodaa waan horateef mana keessa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

