• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Baalee bahaa magaalaa Gindhiritti Qeerrowwan Oromoo hidhuu itti fufan 

Apr 9, 2023

ONM-ABO Ebila 8, 2023

Waraanni murna bilxginnaa goleewwan Oromiyaa bobba’u mara keessatti ilmaan Oromoo ba’aa fi gala dhorkuun hidhaa fi Dararrii raawwachuu hojii idilee godhatee itti fufee jira.

Murni ilmaan Oromoo hidhuu fi Dararu kun gocha isaa itti fufuun godina Baalee bahaa magaalaa Gindhir keessatti Qeerroo maqaan isaa Boonsaa Ahimad jedhamu Ebla 4, 2023 badii tokko malee qabuun mana hidhaatti gidirsaa jiru.

Qeerroo Boonsaa Ahimad dabalatee Qeerrowwan hedduun magaalaa Gindhir keessaa badii tokko malee Oromummaa qofaan yakkamuun kan hidhaman yoo ta’u, Qeerrowwan kunneen hawaasa naannoo isaanii keessatti jaallatamoo fi hirmaannaa siyaasaa kamiyyuu akka hin qabnes maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply