ONM-ABO Ebila 10, 2023
Murni faashistii impaayera Itoophiyaa ilmaan Oromoo hidhuu fi qabeenya isaanii saamuun qorqalbii cabsee of jala bulchuu barbaadu, akeeka isaa kana galmaan ga’ee aangoo isaa irratti gammadee jiraachuuf ilmaan Oromoo Oromummaan yakkee hidhuu itti fufee jira.
Ebla 8, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Odaa Gankaa keessatti galgala sa’a 3-4 gidduutti miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii namoota nagaa maatii isaanii gidduudhaa qabuun miidhaa irraan ga’aa turan.
Namootni qabaman kunis maqaan isaanii dargaggo Lalisaa Aberraa, abbaa warraa Faqqadaa Tolinaa, abbaa warraa Geetahuun Darajjee fi kan maqaan hin baramin hedduu qabanii deemuun eessa akka geessan hanga ammatti hin baramne.
Kana malees maatii isaanii irraan reebicha hamaa qaqqabsiisuun qabeenya dheedhii fi qarshii hedduus saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
