• Thu. Apr 25th, 2024

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Caffaa Roobiit keessatti wal shakkii waraana bilxiginnaa sabaan Amaaraa fi Oromoo ta’an gidduutti uumameen ilmaan Oromoo sirnicha ganuun WBOtti harka kennachaa jiru

Apr 10, 2023

ONM-ABO Ebila 10, 2023

Murni impaayera Minilikiin itti fufsiisuuf carraaqaa jiru bilxiginnaan ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallannetti bobbaasee lubbuu hobbaasaa ture, gatii lubbuu isaanii faayidaa barbaachisu illee osoo hin gooneef warruma achi keessatti hafan sanyii Amaaraa itti kaasuun mooraa keessatti ajjeesisaa jira.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Caffaa Roobiit keessatti Ebla 7, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’an sababa duula fixiinsa sanyii finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Oromoota godina Walloo jiraatan irratti raawwataa jiru mormuun warreen Amaaraa waliin walitti waan bu’aniif sirna dabaa kana mormuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaan aanaa Caffaa Roobiit keessatti WBOtti harka kennatan afur yoo ta’an, ilmaan Oromoo kun qawwee AKM 4, boombii fi hidhannoo waliin mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading