• Tue. May 14th, 2024

Waraanni fi milishootni bilxiginnaa ganama har’aa hawaasa Oromoo magaalaa Buraayyuu irratti dhukaasaa turuun barame

Apr 10, 2023

ONM- ABO Ebila 10, 2023

Murni faashistii PP maqaa guddina magaalaa fi misoomaan godina addaa naannawwaa Finfinnee keessaa manneen namootaa diiguun qabeenya mancaasuu dalagaa guyyuu erga godhatanii bubbulaniiru.

Diigiinsa manneenii kanaan kan wal qabate namootni aariin hanga rarrasanii of ajjeesuutti kan ga’an yoo ta’u har’a ammoo gara ergamtoota maafi’aa kana dura dhaabbachuun gaaffii mirgaa dhiyeessuuf dirqaman.

Ganama har’aa Ebla 10, 2023 bulchiinsa magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsaa Gujee bakka addaa 05 jedhamuun beekamutti caasaan waraana bilxiginnaa fi bulchiinsa magaalaa Buraayyuu waliin ta’uun manneen diiguuf yeroo socho’anitti uummatni wal qindeessuun maaliif nu jalaa diigduu, kaleessa dheengadda isinumatu bishaanii fi ibsaa itti nuuf galchee sirrummaa keenya mirkaneesse, har’a maaliif nurraa diigdanii bakkeetti nu facaastu jechuun misoomni magaalaa hawaasa fayyaduuf malee miidhuuf miti jedhanii gaafatanis deebiin isaanii reebichaa fi dhukaasa irratti banuu ta’e.

Yeroo gabaasni kun qindaa’etti miidhaa ulee malee rasaasaan qaqqabe dhabamus gareen faashistii PP humna dabalataa waammachuun gara sanatti bobbaa’aa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Buraayyuu gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading