• Sun. May 28th, 2023

Araaraaf murni bilxiginnaa nu kadhatus bakka qaamni 3ffaan jirutti argamuu dide jechuun ajajaan Ol’aanaan ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa lammeessaa eebba Waraana Bilisummaa Oromoo haarawaa irratti dubbatan

Apr 11, 2023

Ebla 11, 2023 ONM-ABO

Eebba Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Ebla 4, 2023 taasifame  irratti argamuun ajajaan olaanaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa Lammeessaa haasaa taasisaniin murni bilxiginnaa araaraaf kadhatus akkaataa barbaachisutti bakka qaamni 3ffaa argamutti dhiyaachuu diduu dubbatan.

Jaarmiyaan ABO-WBOs hogganaa kan qabuu fi adeemsa siyaasa qabaachuu isaa ibsuun waan nuti barbaannuu waan beekaniif Oromiyaa Oromoof dabarsuun waan itti ulfaateef barcuma nagaan dhibdee furan irraa baqatu jedhan.


WBOn nagaan dubbii furuuf fedhii akka qabu kan ibsan Jaal Marroo Dirribaa, murni bilxiginnaa irraa nagaa eeguun tisiisa irraa damma eeguu waan ta’eef nuti humnaanis ta’e nagaan haqa waan aanuuf ni injifanna jedhan.

Baatii kun baatii Eblaa guyyaa kabajamaa ta’u yaadachiisuun gandummaa jaallan keenya awwaaluun qabsoo nu dhaalchisan ilaalcha gandummaan xaxamnee galma keenya hanqachuun hin taatu jechuun WBOn daangaa lafaa hin qabu, lafa cufa ejjetee diina loluun handhuura Oromiyaa Finfinnee dhuunfachuun Bilisummaa sabaa ni dhugoomsa jedhan.

Jaarmiyaa waraanaa keessaas ayyaanlaltotaa fi saamtota baasuuf akka hojjetan ibsuun warreen qabsicha diiguuf Oromoon gandaan wal dura dhaabbatu gochuuf yaalii godhan yoo Oromoof kan yaadan ta’e irraa akka dhaabbatan dhaamaniiru.

Dabalatanis dhimma araaraan burjaajii murni bilxiginnaa geggeessaa jiruun Oromoon akka hin goyomne kaasuun WBOn zoonii kamuu bilxiginnaa araaraaf kadhate akka hin jirre himaniiru.

Dhuma irratti miseensotni waraana bilxiginnaa sabaan Oromoo ta’an shira Abiy Ahimed aangoo isaa tikfachuuf geggeessaa jiruun wareegama hin taane kafaluu irra gara WBOtti dhufuun saba isaaniif akka qabsaa’an waamicha dhiyeessaniiru.
Guutuu haasaa Jaal Marroo Dirribaa galgala qabannee isiniif dhiyaanna!

Leave a Reply