Ebla 11, 2023 ONM-ABO
Murni waraanaa fi ololaan qabsoo hidhannoo waraanni bilisummaa Oromoo geggeessaa jiruu fi diddaa uummataa dhaabuu dadhabe bilxiginnaan dargaggoota Oromoo waltajjiilee garaagaraa waamuun of qulqulleessee fi daandii tokkicha Oromoo fayyadu akka of harka qabutti kaasus fudhatama qabaachaa hin jiru.
Dargaggoota maqaa qeerroo waraana bilisummaa Oromoon baadiyaa fi magaalaatti ajjeesaa ija ashaboon dhiqatee godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Muggii keessatti leenjii dargaggoota kennaa jiru.
Leenjiin dargaggoota akka siyaasa bilxiginnaaf ta’anitti ijaaruu jedhuun Sanbata duraa Ebla 8, 2023 waaree booda kan eegale yeroo ta’u, har’a Ebla 11, 2023 waaree booda xumurama.
Leenjii kana irratti kaabinootni bilxiginnaa argamuun dargaggoota goyomsuuf yaalanis dargaggootni magaalattii isin mootummaa miti! Qaamni isin arrabsitan bakka bilisoomsee qabatee jirutti mirga uummataa ni eega, nagaa fi tasgabbiin jiraachisa.
Isin garuu kan nu ajjeestan, hiitan, saamtanii fi gudeeddan malee daandii gubbaa iyyuu deemuu dadhabne akka lukkuutti sa’a tokkoon manatti galaa jirra jechuun komee qaban dhiyeessaniif.
Itti dabaluunis murrnichi uummaticha fayyaduu waan hin dandeenyeef Waraana Bilisummaa Oromoo alatti dhiibdan waliin bakka qaamni sadaffaan jirutti mari’achuu Oromiyaa itti dabarsuu qofatu nagaa fida jechuun waltajjicha morman turan.
Caasaan murna bilxiginnaa waltajjii durgoon waamanii teessisan irraa faayidaa waan dhabaniif Waraana Bilisummaa Oromoo tu isin erge jechuun itti dhaadachaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Muggii gabaasaniiru.