Ebla 11, 2023 ONM-ABO
Abiy Ahimed mana soddoolii isaa hidhannoon jajjabeessuun uummata Oromoo akka ajjeesaniin daandii erga saaqee finxaaleyyiin Amaaraa Oromiyaa bakka cufatti ilmaan Oromoo ajjeesaa, qabeenya saamaa fi qe’ee irraa godaansisaa jiru.
Warreen fedhii lafa babal’ifannaaf socho’an kun akkuma yeroo garaagaraatti ilmaan Oromoo irraan miidhaa ga’aa turan kaleessa Ebla 10, 2023 ganama irraa qabuun godina Walloo aanaa Jiillee Dhummugaa akkasumas magaalaa Sanbatee, ganda Alaalaa, Diirik, Rukkeessaa fi Barsiisaa keessatti lola bananiin lubbuun namaa baduun qabeenyis barbadaa’eera.
Lola kanaanis ilmi Oromoo Aliyyii Heydaroo jedhamu yoo ajjeefamu, qabeenyi hedduunis barbadaa’eera.
Lolli kun kaleessa guyyaa guutuu itti fufee ooluu maddeen himuun lola kana waraanni bilxiginnaa fi poolisootni humna addaa naannichaa deggersa gochaafii akka jiran maddeen dabaluun ibsaniiru.
