• Wed. Nov 25th, 2026

Ilmaan Oromoo  mooraa murna bilxiginnaa ganuun gara gootichaa Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu jabeessan

Apr 11, 2023

Ebla 11, 2023 ONM-ABO

Murni bulchiinsa qbbaa irree akkuma mootummoota impaayerattii darbanii Oromoo Oromoon cabsuu tooftaa godhachuun dargaggoota  humnaa fi goyyomsaan qe’ee isaanii irraa qabuun fedhii isaanii malee dheebuu aangoo isaa tikfachuuf  jecha leenjii waraanummaa gaggabaaboo kennuufiin gara adda waraanaatti ergee dhiiga isaanii dhangalaasisaa jira.


Murrnichi Oromoo fi Oromiyaa balleessuu irratti hojjachaa akka jiru waraanni isaanii kun irratti dammaquun Oromiyaa boruuf har’a keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin akka dhaabbatan murteessuun keessaa badaa jiru.

Haaluma kanaan gaafa Ebla 9, 2023 godina baha Wallaggaa  aanaa Saasiggaa magaalaa Angar irraa  waraanni murna faashistii PP maqaa raayyaa ittisa biyyaa ofi waaman tokko kilaashii turki tokko, boombii F1tokko fi  rasaasa 90 waliin gootichaa Waraana Bilisummaa Oromootti harka laate jira.

Akka waraanni kun jedhutti mooraa isaanii keessatti waliigalteen akka hin jirree fi addatti ammoo namoota nagaa lafa deeman cufatti ati Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta jechuun ajjeesuu isaaniittis akka mufate hima.

Dhuma irrattis beekes ta’e osoo hin beekin gochaan kana duraa uummata keenya irratti rawwadheef hawaasa Oromoo bal’aan dhiifama gaafachuun, kanaan booda sirna uummata Oromoo ajjeesuu, saamuu, qe’eerra buqqisuu fi hidhuu Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta’ee xumura itti gochuuf waadan seenaas jedheera.

Leave a Reply