• Fri. Apr 19th, 2024

Xurree Goototi Keenya Kaleessa Nuuf Saaqan; Daandii Walabummaaf Birmadummaa Oromiyaa Irra Deemuun Kabaja!

Apr 14, 2023

Ergaa “Baga Eebila 15, 2023 geessanii” Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa.

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Eebilli 15 guyyaa itti Oromummaan hundeen gadi fagaatee dhaabbate qofaa osoo hintaane, guyyaa itti tokkummaan Oromoo riqicha ta’ee Gandummaafi garagarummaa amantiin wal qooduun gadi fagaatee awwalameedha.

Guyyaan kun Gootota Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo gabbisuuf jecha hanga guyyaa har’aatti wareegaman yaadachaa Kaayyoofi akeeka isaan irratti wareegaman galmaan gahuuf guyyaa irbuu itti haareeffannuudha.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo guyyaa kana gaafa yaadannu dirqama dachaa nurra jiru bahaachuuf waadaa keenya haareffachaa, Oromoof Oromiyaa jiraachisuuf kan duraa caalaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliinis hojjatuuf cimsinee guyyaa itti waadaa ofiif galluudha!

Oromiyaan nagaa kan argattu dhiigaa fi dafqa ilmaan isheetiin akka ta’es amanna. Sirni Impaayera Itoophiyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo takaaluuf olola Araara sobaa afarsaa jiru ilaalchisee; Araarri sobaan dhufu tokkollee akka hin jirre ibsuu barbaanna! Oromoon nagaa jaallachuurra darbeeyyuu bu’uura nagaa ta’uuf qabeenya dilbii Sirna Gadaa Addunyaaf gumaachuun mirkaneesseera. Haatahu, malee yeroo garaa garaatti Abbootiin Irree Impaayerattii bulchaa turan Gootota Oromoo goyyoomsanii kiyyoo araaraan qabaa turan, ammas ifaajaa jiru.

Kanarrattis Ejjennoo Jaariyaa keenya ABO-WBO’n dhimma araaraa irratti qabu dinqisiifataa, akka Qeerroo Bilisummaa Oromoottis dirqama nutti kennamu ba’uuf jabaannee of qopheessina. Uummati Oromoos itti siqeenyaaf gamnummaan dhimmoota deemaa jiran hubachuun ABO-WBO’n dhimma kana irratti murtoo yeroo eeggatu kan inni hojiirra oolchu tumsuu akka qabu dhaamna. Kanaan alatti olola kijibaa fi burjaajessaa diinni Jaarmiyaa keenya ABO-WBO irratti oofu akka dhugaatti fudhatuun miiraa fi bilchina malee dhiibbaa gama kamiiyyuu godhuurra akka dhaabatee adda baafatus dhaamna.

Maayii irratti Ayyaana guddaaf kabajamaa kana yeroo kabajnu; Wareegamaafi dafqa Qabsaa’ota keenya qaqqaalii Walabummaa fi Birmadummaa Oromiyaaf jecha baddaaf gammoojjii keessatti baasaa turaniif jiranitti iggitii gochuuf kan duraarra hadheeffannee jabaannee roga maraan hojjatuu akka qabnu waadaa jabaa ofiif jaallan faana jirru faanas waliif galuu akka qabnu yaadachiisna.

Injifannoon Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Oromiyaa
Eebila 14, 2023

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading