• Sun. Jan 11th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessaa waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii 4 gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan

Apr 19, 2023

ONM-ABO Eebila 19, 2023

Ilmaan Oromoo Osoo beekaniis ta’e, Osoo hin beekin Impaayera Itoophiyaa suphuuf aarsaa kaffalaa, dhiibbaa gurguddaa Saba isaanii irratti raawwachaa har’a ga’aan, dogoggora isaaniitti gaabbuun waraana bilisummaa oromootti harka  kennachaa jiru.

Haaluma kanaan lixa Wallaggaa aanaa Mana sibuu mooraa waraanaa bulchiinsa magaalaa Waankii irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayeraa 4 dheengadda jechuun Eebila 14, 2023 mooraa waraana bilxiginnaa ganuun Waraana bilisummaa oromootti harka kennataniiru.

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii Kun Hidhannoo guutuu qawwee Turkii 4 fi rasaasa dabalatee mooraa diinaa keessa onsuun galii mooraa qabsoo bilisummaa oromoo godhanii jiru.

Xumura irrattis ilmaan Oromoo meeshaa baatanii sirnicha tajaajilaa jiraniif, qawwee fi hidhannoo isaanii waliin gara qabsoo haqaa waraanni Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiruutti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading