• Sun. May 28th, 2023

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee keessatti poolisootni humna addaa Oromiyaa dabalataan qubsiifaman magaalaa Goree dhiphisaa jiraachuun barame

Apr 21, 2023

ONM-ABO Eebila 21, 2023

Murni faashistii PP dargaggoota impaayerattii cufa waraana gochuun gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu bilxiginnaan miseensota waraanaa maqaa poolisoota humna addaan leenjise magaalota keessa dabalataan qubsiisee uummata rakkisaa jira.

Akka odeessi godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe addeessutti poolisootni humna addaa Oromiyaa dabalataan magaalaa Goree qubsiifaman magaalattii dhiphisuun uummata dararaa akka jiran ibsameera.

Kana malees miseensotni poolisoota humna addaa Oromiyaa keessaa diigaman dheengadda Ebla 19, 2023 magaalaa Goree qubsiifamanii jiru.

Miseensotni kunis yeroof eegumsa magaalaa haa hojjetan jechuun magaalichatti kan bobbaafaman yoo ta’u dhibdee sirnicha waliin qabanii fi dararaa irra ga’aa jiru irraan kan ka’e dhiphina keessa seenuun hawaasa daandii gubbaa irraa ifachaa fi reebuuf kan itti gaman ta’u maddi keenya addeesseera.

Leave a Reply