ONM-ABO Eebila 21, 2023
Ebla 18, 2023 ganama obboroo toora sa’a 12:00tti waraanni Biltsiginnaa nama Diinee Mohaammed jedhamu karaatti eeggachuun dhukaasa eega irratti bananiin booda qabanii reebicha ulfaataa irraan ga’uun mana hidhaatti darbachuu jiraataan naannoo sanaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti hime.
Namni dhukaasni irratti dhuka’uun qabamee hidhame kun jiraataa aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Makkanniisaa ganda Ibroo jedhamuu yoo ta’u, nama hojii qonnaatiin ofii fi maatiisaa jiraachisu akkasumas siyaasa waliin hidhata hin qabneedha kan jedhu jiraataan kun, ta’us sababa tokko malee waraana sirnichaatiin dabaan mana hidhaatti kan darbatame ta’uu dubbate.
Baha Oromiyaa keessatti hidhaa fi ajjeechaan akkaan uummata nagaa irratti adeemsifamaa jiraachuu gabaasaa kan turre hoggaa ta’u, ammas gochi kun guyyaa gara guyyaattis jabaatee itti fufee akka jiru odeessi achii ba’u ni addeessa.
